Itiyoophiyaa keeswsatti Wal’aansoo Amantaa fi Siyaasaa Gidduutti Taasifamu

(Kan Hiike fi Kan Qindeesse, Qopheessaa)

Seensa

Sochii mormii Musliimaa yeroo ammaa kana taasifamaa jiru qalbeeffachuu fi hubannoo bal’aa addunyaawaa ta’e argachuuf Islaamummaan Itiyoophiyaa keessatti bifa akkamii akka qabatee turee fi qabsoowwan dhokatoon namootni baay’en hin beekne akkamitti akka raawwataman seenaa irraa hubachuun barbaachisaadha. Dhugaawwan bu’uuraa akkanaa kun tarkaanfii fudhannuuf deeggarsaa fi poolisiiwwan hordofnuuf xurree agarsiistota ta’uu akka danda’an shakkiin tokkollee hin jiru.

Sadarkaa kana irra ga’uun kan danda’amu immoo qorattoonni seenaa loogii irraa bilisa ta’an qorannoo isaanitiin kan lafa kaa’an gadi fageenyan xiinxaluudhani. Kanaafuu seenaa wal-duraa duuban dhihaatu kana keessatti Gaanfa Afrikaa gadi fageenyan kan qoratan kitaaba qorannoo Pirofeesar Erlich ilaalun baay’ee barbaachisaadha.

Kanaafuu Erlich bara 2007 “Saudi Arabia & Ethiopia [ISLAM, CHRISTIANITY & POLITICS ENTWIND” mata duree jedhuun kitaaba seenaa baay’ee faayida qabeessa maxxansan irratti seenaalee hundaa’an qindeessine ni dhiheessina.

Boqonnaalee itti annanii argaman torbaaf bu’uura kan ta’e boqonnaa tokko keessatti bara 1974 hanga bara 1991tti kan ture bulchiinsi Mangistuu H/Maaryam Itiyoophiyaa ishee sana dura ofii ishee adda footee jiraattu bifoota ishee kan amantaa fi sabaaf sab lammummaa gara garaa fuullee akka baaftu biyyoota ollaa Baha Giddu Galeessaa waliin akka walitti dhiftu godhee jira jedha. Kanaafuu Islaamummaa fi Musliimonni hatattamaan gara jireenya Itiyoophiyaa isa keessaa akka lixan, kana jechuunis karaa hundaan, karaa hawaasummaa, karaa siyaasaa, karaa aadatin akka ture qorannichi senaa ni dubata. Kana dura akkuma tuqame hunda akkuma Pirofeesarichi jedhan Itiyoophiyaan ija keenya fuulduratti “hiika haarawa” argachaa jiraachun ishee baay’ee ifadha. Kanaafuu Kiristiyaanummaan mallattoo biyyattii ta’uun isaa kana booda waan hin taanedha. Baroota dhibba ja’an darban keessatti akka ta’aa ture islaamummaan amantaa moggaa fi cunqurfamaa ta’ee hafuu hin danda’u erga jedhanii booda “Itiyoophiyaan haala hiika qabuun jijjiiramaa jirti” jedhu. Yaanni sodaa qorannoon seenaa Pirofeesar Erlich kuni dhugaadhaa laata? jechuudhan gaafannee gara murtiitti dhufuu kan dandeenyu wantoot amma ta’aa jiranii fi seenaa keessa gadi buunee yoo xiinxalleedha.

Haata’u malee Pirofeesarichi kana irratti hin dhaabne. Gaafii bu’uuraa kan biroo ni gaafatu. Itiyoophiyaan kan jijjiiramaa jirtu bifa kamii fi karaa kamiini? Kaka’iinsi Islaamummaa yeroo ammaa kana mul’achaa jiru kuni waliin jireenya hawaasummaa kan lbsu, baay’ina aadaa, kaka’iinsa diinagdee daldala irraatti hundaa’e, daldalaa fi teeknoolojii wal qabsiisudhaan sochii addunyaawaa ta’e fiduudhan Itiyoophiyaa badhaadhinaan kan guddisu ta’uu ni danda’aa laata? Erga jedhanii booda filannoo isa biroo haala kanaan ni dhiheessu:- yookis immoo kaka’iinsi Islaamummaa kun gara walitti bu’iinsota amantaa, waraana, waldhaansoo irra aantummaa siyaasaa qabachuuf taasifamuutti geessudhaan gara maraammartoo moofaa, jechuunis gara walitti bu’iinsa Islaamaa fi Kiristiyaanaa haala haarawa ta’een ni geessaa laata? Jechuudhan ni gaafatu. Gaafileen kunneen dhalattoonni biyyattii fi warri biyyattiidhaf quuqaman hundi gaafilee gaafachuu qabaniidha. Sochiin Musliimaa amma jiru kun ilaallamuu kan qabu haalicha akka carraa faayidaa dhuunfaa siyaasatiif oolutti osoo hin ta’in nageenya biyyattii isa fuulduraatif ta’uu qaba.

Kitaaba amma ilaalaa jirru kan Pirofeesarichi bara 2007tti barreessan kana keessatti sadarkaa amma irra jiru kanarratti kana jechuudhaf yeroon hin geenye kan jedhu ta’us amma garuu yeroon isaa adeemat jira. Kitaabichi erga bahee waggoota 6 keessatti sochiin kun akkuma itti fufetti jira. Sodichis sodaa qofa ta’ee osoo hin hafin gara fuulletti bahaafi guddachaa dhufee jira. Kanaafuu wal nama gaafachiisa. Haalli ta’aa jiru kan hubachiisu adeemsa seenaa biyyatti keessatti kan ta’ee hin beekne haala rakkisaa fi salphumatti hiikkamuu hin dandeenyedha. Waggota Jahan kitaabichi itti maxxanfame kanneen keessatti jijjiirramoonni gurguddoon, ta’eewwanii fi tooftaawwaan dhokatoon hundee gadi fageeffatan akkasumas qophiiwwan lafa jalaa taasifamanii jiru. Haata’u malee mee ammas yeroon isaa ganaadha jennee wal dandeetti amantaa biyyattiin wal bira qabiinsan qabdu irraa jajjabina haafudhannu.

Akka Pirofeesarichi jedhanitti Itiyoophiyaanonni osoo giddu lixiinsi biyyoota ollaa Musliima ta’anii isaan hin jeeqin ta’ee guddinni jajjabeeffamuu qabu tokko ni mul’ata ture. Nutis maalif biyyoonni kun nu hin dhiifne? Waa’ee keenya gidduu maalif lixu? Jechuudhan gaafachuu qofa osoo hin ta’in warra gidduu lixaniif ulaa banuu irraa of qusachuu akkamitti akka dandeenyu qo’achuu qabna. Haata’u malee adeemsi Itiyoophiyaa keessa jiru bifa baay’ee saffisaa ta’een diinagdee, aada fi karaalee biroo gara garaatin Baha Giddu Galeessaa waliin walitti dhufeenya qabatee waan jiruuf dhiibbaan biyyota alaa kan hin hafne ta’uu isaa qo’anichi ni agarsiisa. Dhugumaanis gaheen Biyyoonni Baha Giddu Galeessaa qaban isa guddaa fi murteessadha. Kanaafuu Itiyoophiyaa fi haalli Itiyoophiyaa inni fuul-duraa isaan biratti kan ilaallamu haala kamiini? Ilaalcha kana keessatti hoo maal fa’itu hammatame? wantoota jedhan ilaalun murteessadha.

Biyyoonni Islaamaa Baha Giddu Galeessa fi Itiyoophiyaan Kiristiyaana taate seenawwan heddu ciccimoo ta’an ni qooddatu. Haata’u malee yaad-rimeen ilaalcha Musliimonni hundi Itiyoophiyaadhaf qabanii fi inni hanga ammaatti hojjechaa jiru kan qaramee fi kan hundaa’e dhugaa armaan gadii irratti. Muhaammad yeroo ari’atamuun jiraattota Makkaa irraa isa qaqqabetti hordoftoota isaa isaan duraa koolu galtummaadhaf gara Itiyoophiyaa yeroo ergetti Itiyoophiyaan Kiristiyaana taate simattee eeggumsa taasifteefii jirti.

Akka barreessitoota seenaa Musliimota bara sana turaniitti Itiyoophiyaa fi wanta Isheen Islaamummaa irratti taasifte ilaalchisee seenan barreeffame kutaalee gurguddoo lama of keessaa qaba:-

Inni tokkoffaan: kan hundaa’e bara 615tti hordoftoota isaa isaan duraa “Sahaabaa” jedhamaniif Muhaammad dubbatee jira wanta jedhamu irraatti kan hundaa’edha. Innis Itiyoophiyaa keessattii “eenyullee kan hin miine” mootin qulqulluu ta’e nijiraatii gara Aksuum adeemaa jedhee isaan ajaje. Achittis mana mootummaa Najaashii Ashaamaa jedhamu keessaatti koolu galtummaa argachuudhan akka gara Makkaa humnaan hin fudhatamne mootichi Najaashii jedhamu isaan eegee jira. Haala kanaanis mootichi Najaashin kan eeggumsa taasiseef isaan qofaaf hin turre. Haata’u malee “Sahaabota” bulchiinsa isaa keessatti eegudhaafi akkasumas Muhaammad Makkaa keessatti egudhaaf akka adeeme ni seenessa.

Inni lammaffaan: seenan Musliimotaa inni lammataa kan dubbatamuu eegale bara 628 irratt. Bara sanatti Muhaammad Al-Madiinaa keessatti erga cimee booda walitti dhufeenya addunyaa Islaamaa isa jalqabaa eegalee ture. Haaluma kanaanis biyyoota saddeetif; kanneen keessas mootota Parshiyaa, Misir(Egypt), Sooriyaa akkasumas bulchoota biyyoota naanno garba Arabaatif Islaamummaa akka fudhatan xalayaa ergee ture. Yeroo sanattis michuu isaa mooticha Itiyoophiyaa Najaashidhaaf xalayaa wal-fakkaatu ergeefii jira. Qorannoo gadi fagaataa pirofeesar Erlich taasisaniin mootichi Itiyoophiyaa qofti xalayicha akka fudhatee fi warri kuun ammoo akka didan seenaalee Musliimotaa hunda irratti kan galmaa’e yoo ta’u (kun ammoo seenaa Itiyoophiyaa kam irrattuu gonkumaa hin caqafamne) jedhu. Qoranichi barreessitoonni seenaa Musliimota ta’an kan gabaasan yemmuu dhiheessu mootichi Najaashin ergama Muhaammada akka ajaa’ibsiifatee fi Islaamummaas akka fudhate itti himuudhan deebii akka kenne lafa kaa’anii hata’u malee seenan kun gama Itiyoophiyaatin deeggarsa tokkollee akka hin qabne cimsanii ni dubbatu. Seenan inni lammataa kun akka jedhutti waggoota lama booda Muhaammad du’a Najaashii akka dhagahee fi ergasiis kadhannaa Musliima du’eef kadhatamu akka kadhateefidha.

Ergaa Seenaalen Lameen Kun Musliimota Mankaraarsitootaf Qaban

Inni tokkoffaan, jechuunis seenan bara 618 ergaan inni Musliimota hundaaf dabarsu bifa tokko qaba jennee dubbachuu yoo dandeenyes; seenan inni lammaffaa fi kan bara 628 irratti qindaa’e keessumattuu Musliimota mankaraarsitoota ta’aniif ergaa guutumaa guututti adda ta’e ni dabarsa. Baroota gidduutti Musliimota mankaraarsitoota gidduutti, jechuunis warroota Baha Giddu Galeessaa keessatti sochii farra Itiyoophiyaa gaggeessan biratti seenichi kan hiika argate akka armaan gadii kanatti:- “Al najaashin Islaama ta’e” jechuunis “mootin Itiyoophiyaa Islaama ta’e” Itiyoophiyaan “lafa Islaamaa” keessaa qaama tokko yookin immoo “Daar Al-Islaam” taatee jirti falaasama jedhu uumee jira. Warri akkana jedhanis Al-Najaashin Islaama ta’e qondaaltota waraana isaa fi Luboota waldaatin ganamee ajjeeffamee jira jedhu. Kanaafuu ilaalchi Musliimonni kunneen Itiyoophiyaadhaf qaban Itiyoophiyaan yeroo jalqabaatif eddoo Islaamummaan itti injifatamee fi itti kufe yoo taatu akkasumas seenan Kiristiyaanummaa Itiyoophiyaa gantummaadhan kan guuttamee fi seera qabeessa kan hin taanedha. Kanaafuu Itiyoophiyaan Kiristiyaana taate babal’ina Islaamummaan Afrikaa keessatti qabu kan danqitee fi Musliimota ishee keessa jiraatanis kan cunqursituudha. Ilaalcha Musliimota mankaraarsitoota ta’aniitin Itiyoophiyaan kan fayyuu dandeechu irra deebitee bulchaa Musliima ta’e yoo kaa’atte qofaadha. Kanaafuu dhaadannoon Al-Najaashii Musliima ta’ee baroota dhibba hedduun lakkaa’amaniif kan dubbachaa ture mootin Itiyoophiyaa Musliima waan tureef biyyattiin ammas dirqama Islaaman bitamuu qabdi kan jedhuudha. Dhaadannoon kunis  warroota Baha Giddu Galeessaa keessa jiraatanii fi  Kiristiyaanummaa Itiyoophiyaa gadi dhiitudhaaf (haaloo ba’uudhan balleessudhaaf) warra barbaadan holola isaanii adeemsisuudhaf kan gargaare yoo ta’u; Musliimonni Gaanfa Afrikaa keessa jiraatan dursummaa siyaasaa irratti akka ol yaabbatan haala cimaadhan akka jajjabeessu qorannoon profeesar Erlich sirritti ni agarsiisa.

Biyyoonni Gara Garaa Ilaalchi Isaan Itiyoophiyaadhaf Qaban

Wal ga’iiwwan Musliimotaa irratti Itiyoophiyaan ajandaa marii taatee yeroo dhihaattu hundatti “Itiyoophiyaa hin tuqinaa” fi “Al-Najaashii Islaama ta’e” Ilaalchonni jedhan mata dureewwan Isaan gurguddoo akka ta’an hubachiisudhaan kitaabni kun fakkeenyawwan armaan gadii ni kenna:-

Waraa Mahdii Suudan

Fakkeenyaf Mahdiin Suudan bara 1885 irratti yeroo jalqabaatif Itiyoophiyaa Ilaalchisee sararri inni hordofaa ture “Itiyoophiyaa hin tuqinaa” kan jedhu ture. Akkasumas yeroodhaf yoo ta’eyyuu yaaduma kana lallabaa ture. Haata’u malee innii fi Kaalifaan duuka bu’aa isaa ta’e xinnoo turanii ilaalcha isaanii jijjiirudhaan Mootii Yohaannis 4ffaa irratti waraana jihaadaa ni labsan (1872-1889). Kanas kan taasisan erga mootichi akka karaa Najaashii Islaama turee hordofuuf waamicha dhiheessanii booda akka ta’e seenichi ni agarsiisa.

Weerara Mosolonii

Bara 1935tti Itiyoophiyaa Beniitoo Mosoloniidhan haleellan akka irratti raawwatamu yeroo karoorfametti addunyaa Arabaa keessatti mata dureewwan marii ta’anii yaadonni haala hoo’adhaan mari’atamaa turan yaad rimeewwan lameen kana turan. Biyyoonni Musliimaa qabsoo Itiyoophiyaa deeggaraa turan Muhaammad wanta waa’ee oolmaa Itiyoophiyaa dubbate yemmuu kaasan akkasumas galatnii fi gaaffin ishees fudhatama akka qabu yemmuu dubbatan; warrii Faashishti Mosolonii deeggaran immoo Mosoloniin mootummaa “Najaashii Islaama ta’e” dhuma irratti deebisee Itiyoophiyaa keessatti ni ijaara abdii jedhu qabu turan. Yeroo sanatti mootummaan Xaaliyaanii Itiyoophiyaa biyya Islaamaa gochuudhaf waadaa seenen loltoonni Musliimaa 70,000 ta’an biyya keessa fi biyyoota alaa irraa walitti sassaabbamuudhan Faashishticha waliin hiriiranii biyyattii waraananii turan. Kana yeroo dhihoo keessatti mata duree “Gaalota Mosolonii” jedhu jalatti barreeffama dhihaatun sirritti ni ilaalla.

Biyya Misirii (Egypt) fi Itiyoophiyaa

Itiyoophiyaa waliin walitti dhufeenya seenawaa ta’e kan qabdu Misir Itiyoophiyaa ilaalchisee marii Islaamawaa dhoksaa taasifamu hunda irratti bara 1250-1570 kan ture mootummaa ishee Maamluuk jedhamu irraa eegalee hamma bulchiinsa Hosnii Mubaarak bara 1981tti yaadni isheen hordofaa turte yaad-rimeewwan lamaan armaan olitti ka’an irratti kan hundaa’e akka ture seenan Pirofeesar Erlich barreessan ni mul’isa. Misir amantaa Ortodoksii fi Islaamummaa Itiyoophiyaa qaruudhaf gahee guddaa taphachuun ishee kan shakkamuu miti. Bishaan laga Abbayyaa ilaalchisee warri Misir yaada nagahaa “Itiyoophiyaa hin tuqinaa” jedhu hordofuu kan filatan ta’anis tarii Abbayya ilaalchisee sochiin yookin ejjennoon tokko karaa Itiyoophiyaatin kan taasifamu yoo ta’e yaadni “Najaashii Islaama ta’e” jedhu karaa Mankaraarsitoota isaanitiin waraanaf kakaasudhaaf qophiidhan barcuma isaanii irra taa’ee akka jiru kitaabichi ni hubachiisa. Kan ta’es ta’u waggoota kurnan muraasa darban keessatti Misir giddu-lixummaan isheen Itiyoophiyaa keessatti qabdu dhumateefii gahee guddaa kan qabattee turte Sa’uudii Arabiyaa akka taate erga dubbatee booda kanaaf sababa kan ta’e maal akka ta’e ibsuun qabiyyee isaatin ala akka ta’e kitaabichi ni dubbata.

Itiyoophiyaa fi Sa’uudii Arabiyaa

Egaa kaa yeroo ammaa kana haala guddaadhan Itiyoophiyaa keessatti kan hojjechaa jiru maallaqa Sa’uudii Arabiyaa yoota’u sochii Islaamummaa yeroo ammaa kana Itiyoophiyaa keessatti mul’achaa jiru kana duuba taa’ee kan adeemsisaa jiru isa akka ta’e Pirofeesarichi kitaaba isaanii keessatti ni ibsu. Ijaarsi masgiidotaa lakkoofsa hin qabne Itiyoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiru, wiirtuwwan barnoota Qur’aanaa, sochiiwwan dhaabbilee gargaarsaa, fakkeenyaf, gargaarsi daa’imman warri isaanii irraa du’ee, babal’ina barnoota afaan Arabaa fi hiikkaa fi raabsa kitaabotaa kan adeemsisaa jiru maallaqa Sa’uudii ta’uu isaa ni ibsa. Babal’innni imala Hajjii, qophiiwwan koonfiransootaa, leenjiwwan lallabdootaa, namoota gara Islaamummaatti deebi’aniif mindaa kanfaluu fi akkasumas lakkofsi Musliimota Itiyoophiyaa baay’edha holola jedhu babal’isuu fi tamsaasun tattaaffii cimaadhan kan adeemsifamaa jiru maallaquma Sa’uudii Arabiyaa kanaan ta’uu isaa barreeffamichi lafa kaa’ee jira. Akka Pirofeesar Erlichi jedhanitti yoo ta’e sochiin Sa’uudii harki caalan kan xiyyeeffate saba Oromoo fi naannoo kibbaa irrattidha. Kuns Islaamummaadhaf kan dalleeffamte naannessaa magaalaa Haarar irratti kan xiyyeeffatee wanta ta’eef ta’us haata’u malee naannowwan Kiristiyaanaa irratti dhiibbaa uumudhaaf xiyyeeffannaa guddaan ni kennama. Sochiin Sa’uudii Arabiyaan Itiyoophiyaa keessaatti taasisaa jirtu babal’ina barnootaa fi sirna dimokraasii kan deeggartu of fakkeessudhaan akka ta’ee fi kunis haala ifa ta’een akka mul’atu ibsamee jira.

Kanaafis kitaabonni Sa’uudii ilaalcha kana babal’isuuf duuka taa’anii tajaajila kennaa jiru. Yaadni mormii inni guuddichi warra Sa’uuditiin ifaan dhihaachaa jiru kan armaan gadii kana fakkaata:-

1.     Kiristiyaanummaan Afrikaa keessatti haala ol’aanadhaan socho’aa kan jiru Impeeriyalistoota warra dhihaatini. Isaan immoo kana dura ardittii gita bittummaadhan dhiphisanii turan.

2.     Impeeriyaalistoonni warra dhihaa Kiristiyaana ta’an Islaamummaa moggaatti dhiibudhaaf caraaqqii gudda godhu. Haata’u malee Islaamummaan uumama isaatin yaada wal danda’uu irratti kan ijaarame waan ta’eef dimokraasii biyyattii keessatti babal’achuu qabuuf deeggarsa cimaa ni taasisa duula jedhu ni adeemsisu.

3.     Kitaabni Pirofeesar Erlich akka jedhutti; haata’u malee barnoonni Wahaabizimii yookin immoo Islaamummaa mankaraarsummaa Sa’uudii Itiyoophiyaa keessatti tamsa’aa jiru yaada hololaa kana wajjiin baay’ee kan wal faallessu akka ta’eedha. Yaadni hololaa dursa Wahaabiizimii Sa’uudii Arabiyaatin biyyattii keessatti taasifamaa jiru kan afaanii fi fudhatama argachuuf kan taasifamu qofa akka ta’e ifa ni taasisa.

Dhaabileen gargaarsa Sa’uudii gara garaa sochii kanaaf deeggarsa guddaa taasisanii jiru. Baay’onni isaanis Liigii Musliimaa Addunyaa gara garaa jalatti kan ijaaramaniidha (Afaan Arabaatin Rabitaat Al-Alam Al_Islaam jedhama). Dhaabbanni kun kan ijarrame bara 1962tti yoo ta’u waamicha Islaamaa fi barnoota Islaamaa babal’isuuf kan ijaarrame ture. Dhaabbattichi kan gaggeeffamu dhaabilee amantaatin yoo ta’u ol’aantummaadhan kan too’atuu fi maallaqaan kan deeggaru mootummaa Sa’uuditi. Ammas qaama sirnichaa yoo ta’es bara 1990 irraa eegalee Liigii Musliimaa Adduunyaa damee Sa’uudii Arabiyaa Isa baay’ee mankaraarsaa ta’e kan gaggeessu isadha. Bulchiinsa  mootii Sa’uudiitiin mormuudhanii fi sirnummaan Musliimaa haala cimaa ta’een akka hojii irra ollu gochuudhan dhaabbanni kun yoo xinnaate Mankaraarsummaa fi walitti dhufeenya Islaamummaa Addunyaawaa jabeessee jira.

Warri Sa’uudii Amantii Itiyoophiyaatif Wanta Hojjetan

Warri Sa’uudii waa’ee Amantaa Itiyoophiyaa maal yaadu? Gaafii jedhu beektichi seenaa kitaaba isaanii keessatti kaasudhaan akka armaan gadiitti dubbatu. Banaa ta’uu (hunda hammachuu) Itiyoophiyaa keessatti kaka’iinsa Islaamumma akka qaama tokkootti ilaalumoo Islaamummaan biyyattii keessatti ol’aantummaa argatee akka taa’u ni hojjetu? Seenaa Itiyoophiyaa irratti yaad-rimee guddaan Wahaabiyyoonni qaban maali? Ollaan gaggeessaa hafuuraa Sa’uudii Arabiyaa Kiristiyaana taate tun akkamitti ilaallamti? Garaagarummaa amantaa bira darbee Itiyoophiyaan kan ilaallamtu akka “biyya qulqulluutti” lakkaawwamtee fudhatama argachuudhan jiraachudhaaf akka waan mirga qabduuttii? Moo Itiyoophiyaan biyya haala sukkaneessadhaan Islaamummaan itti injifatamee fi fayyuu kan dandeechu Islaamummaa qoofaan akka waan ta’eetti lakkaawwamti? Yookin immoo warri Sa’uudii akkuma biyyoota Islaamaa ollaa biroo jijjiirrama seenaa waliin kan jijjirramu yaada dhanquu ta’e ni qabuu laata? Bara 1990tti gara biyyattii akka lixu kan taasifamee fi sochii Al-Qaa’idaa naannoo gaanfa Afrikaa jiru dudduuba wanti jiru maali? Shororkeessummaan Al-Qaa’idaa fi dhaabbileen gargaarsaa babal’ina Wahaabizimiitif sababa turanii? Gaafilee murteessoo ta’an kanneen ilaalun waaggoota kurna torban darban keessatti tooftaa Sa’uudii fi haala jeeqamaa addunyaa xiinxaluun baay’ee faayida qabeessa ta’uu isaa kitaabichi ni mul’isa.

Itiyoophiyaa fi Gahee Mataa ishee

Kanatti aanee kan jiru immoo gahee Itiyoophiyaa kan mataa isheeti. Haalotaa fi walitti dhufeenyota jijjiirrammoo kanneen keessatti gaheen Itiyoophiyaa kan mataa ishee itti fufiinsan kan ilaallamuu qabu akka ta’e Pirofeesarichi ni kaasu. Itiyoophiyaan Kiristiyaana taate, jechuunis aadaan inni guddichhi fi gareen beektotaa biyyattii too’atu ilaalcha mataa isaa ijaarratee jira. Kunis Baha Giddu Galeessaa Islaama ta’e irraa adda kan ta’an yaad-rimeewwan Kiristiyaanaa dhanquu ta’an haala wal-qixaa fi haala wal fakkaatun kan socho’an turan. Isaanis Baha Giddu Galeessaa waliin wal qabatee haala qabatamaadhan kan qaraman turan.

Haata’u malee sodaan baay’ee guddaa ta’e tokko ni jira ture. Ammas namoota tokko tokko biratti ni mul’ata. Kunis miidhamaa fi mudoo jaarraa 16ffaa uummameedha. Sodaa kanas haala armaan gadiitin kitaabichi lafa kaa’ee jira:- “Biyyattiin Baha Giddu Galeessatiif banaa ta’uun ishee madaallin Islaamaa ol guddatee  gaanfa Afrikaa irratti mootummaa Kiristiyaanaa gara balleessutti adeema sodaa jedhuudha” nuun jedha. Haalli fi ilaalchi jabaan kun hiikkaa fi hubannoon adda ta’e kennamuufii akka qabu Pirofeesarichi ni dubbatu.

Itti aansudhaanis wanti isaan hubachiisan Kiristiyaanummaan Itiyoophiyaatis ta’ee Wahaabiizimiin Sa’uudii amantaa addunyaawaa waliin kan hidhata qaban ta’anis haala fi aadaa naannoo isaanii mul’isaa akka jiranii fi akkasumas sirna siyaasaa biyya keessaa waliin walitti hidhata cimaa akka qabaniidha. Kanaafuu walitti dhufeenyi Sa’uudii Arabiyaa fi Itiyoophiyaan qaban hiikni jijjiirramaa fi ilaalcha amantaa isaan qaban bira darbe kennamuufii kan danda’uudha.

Kanaafuu Itiyoophiyaan gahee mataa ishee yemmuu taphattutti hiikkaa seena fi amantaa bira darbe keessatti akka hin dhidhimne of eeggachuu qabdi. Kanaafidha gaazexeessitoonni, dhaabbileen siyaasa fi dhaabbileen amantaa yeroowwan hiriirawwan nagahaa darban keessatti hiriirawwan Musliimotaan taasifaman kanneen akka gaaffii bilisummaa amantaatti qofa lakkaa’udhaan ibsa baasu fi deeggarsa kennuun isaanii sirrii miti kan jedhamuuf. Sababni isaatis namoonni fi dhaabbileen kunneen adeemsa haarawa isa sirrii hin taane kan Itiyoophiyaa keessatti ta’aa jiru kana ka’umsa isaa osoo hin beekne fi sirritti gadi fageessanii osoo hin qoranne wanta deeggaraa jiraniifidha.

Musliimonni Itiyoophiyaa hoo?

Dhugaan bu’uuraa inni biroo dhugaa karaa Musliimota Itiyoophiyaatin jirudha. Musliimonni kunneen eddoo mootummaa Kiristiyaanaa keessatti qabanii fi dhiibbaa naannotiin akkasumas ergaawwan naannicha irraa dhufanii fi baha Giddu galeessaa gidduu ta’anii ilaalcha fi yaad-rimee mataa isaanii uummatanii jiru. Jeequmsa yeroo ammaa kana Musliimonni Itiyoophiyaa keessa jiran ilaalchisee seenaa isaan qaban akka ilaalu barreeffamichi Pirofeesarichaan qophaa’e ni dubbata. Musliimonni Itiyoophiyaa ammaa wanta sirrii ta’e hanga hojjetetti aakuma (Muhaammadiin) ajajamanitti mootummaa Kiristiyaanaa isaan bulchu fudhachuudhan nagahaan jiraachuu ni danda’u moo yaad-rimee Najaashii Islaama ta’e hordofuudhan Islaamummaan siyaasawaa ta’e Itiyoophiyaa keessatti akka moo’u ni qabsaa’u laata? Gaaffileen kunneen sochii Islaamummaa amma jiru kana akka of eeggannoodhan ilaallu nu taasisu.

Pirofeesar Erlich akka jedhanitti ajandaa biyyattii keessatti yeroo ammaa kana ajandaa isa gudaa ta’uu kan danda’u sochii Islaamummaa Itiyoophiyaa keessatti taasifamaa jiruudha. Sababni isaas mariin Islaamummaa, Kiristiyaanummaa fi Arabummaa ajandaa Afrikaa irratti dhiibbaa guddaa waan qabuufidha.

Yeroo ammaa kana Itiyoophiyaadhaf Islaamummaa ilaalchisee gaaffii ka’u caala ajandaan guddaa ta’e hin jiru jechuudhan murteen Pirofeesar Erlich irra gahan baay’ee kan nama yaachisuudha. Musliimonni Itiyoophiyaa yeroo ammaa kana maal irra jiru? Maalif sochii mormii kaasan? Sochiin mormii kun qabsoo biyya keessa fi addunyaawaa hundee gadi fageeffate waliin hidhata kan qabuudha? Gaafileen jedhan ka’uu qabu.

Musliimonni Itiyoophiyaa akkuma haala addunyaa irra jiruun bakka lamatti kan qoodamaniidha. Wahaabiizimii kan deeggaruu fi meshaa Sa’uudii ta’uu kan barbaadu baay’inaan garee dargaggoota qabateedha. Gareen inni xiqqaa ta’e kan biroo immoo kan warra “Ahbashootaa” yookin immoo kan warraa “Itiyoophiyaanotaa” ti.

Mormiin Musliimotaa kan yeroo ammaa kun qajeelumaan kan wal qabate garee Al-Ahbaash balaaleffatu, jecha biraatin deeggartoota Wahaabiyyaa waliini. Sochii fi kaayyon garee kanaa ifadha. Kaayyoo isaa kanas barreeffamoota isaa toora intarneetii gara garaa fi wal ga’iiwwan dhaabbilee addunyaa gara garaa irraa hubachuun ni danda’ama. Fakkeenayaf toora intarneetii armaan gadii kana irratti maal akka hojjetuu fi akkamitti akka Al-Ahbaash balaaleffatu ilaalun ni danda’ama.  http://www.ethioislamicart.com/4632492546274941.html

 Barreeffama seenaa Pirofeesarichaa keessatti gaafii ka’eef deebin inni sirriin wal’aansoo dhaabbilee lamaan gidduu jiruudha. Abbootin angoo mootummaa Itiyoophiyaa sochii taasifamaa jiruu fi sochii dhaabbilee lameenii, ilaalcha isaanii akkasumas balaa dhufuudhaf jiru erga qoratanii booda baay’ee duubatti harkifatus tarkaanfin isaan fudhatan yeroodhafis ta’u balaa mankaraarsitootaa dhufuudhaf jiru jalaa biyyattii baraarudhaan uummanni akka dammaquu fi waa’ee kana irratti akka mari’atu akkasumas seenaa akka qoratu karaa banee jira.

Ejjennoon mootummaan fudhate kun amantaa keessa lixuu akka waan ta’etti lakkaa’amuudhan namoota baay’ee kan mufachiise ta’us akkasumas irra deddeebidhaan faayidaa siyaasatiif kan oole ta’us gara fuul-duraatti garuu yemmuu seenan qoratamu barbaachisaa kan ture ta’uu isaa namoonni baay’en ni hubatu.

Namoota mufatanii fi barreeffama gara garaa barreessan keessaa namni Abdallaah Adam Takii Jedhamu keessatti ni argama. Barreeffama inni barreesse toora kana irratti argachuu ni dandeechu  https://docs.google.com/file/d/0ByxJ0rgpLftXM3lDR0h4MU1ZVEU/edit?pli=1 Akkasumas toorawwan intarneetii kana dura caqafaman ilaalun ni danda’ama.

Hubannoo Walii Galaa

Wal’aanson inni guddaan  beektota gidduutti taasifamu kan addunyaa Islaamaa bakka lamatti qoode leellistoota Wahaabiyyootaa fi “Warra Itiyoophiyaa” yookin immoo “Al-Ahbashoota” gidduutti wal’aansoo taasifamaa jiru isa hundee gadi fageeffateedha.

Al-ahbaash teesson isaa magaalaa Beeyruut jedhamtuudha. Naannoo addunyaa hunda keessatti dameele fi biirowwan gara garaa ni qaba. Islaamummaa fi Kiristiyaanummaanis baha Giddu galeessaa, Awrooppaa,, Ameerikaa fi eddoo kamittuu nagaan waliin jiraachuu akka danda’anis ni lallaba. Faallaa isaanii kan ta’an Wahaabiyyoonni immoo isaan ni balaaleffatu. Kunis waraana karaa hundaan gaggeeffamuudha. Intarneetidhaan, gaazexootan, waraqaalee xixinnoodhan, kitaabotaan, lallabootan akkasumas karaa fatuwaatin dabalateeti. Kan isaan balaaleffatanis uumama Islaamummaa isa dhugaa jal’isanii jiru jechuudhani.

Gareelen lameenuu kan gaggeeffaman jaarsota sheekota ta’aniinidha. Gaggeessitoonni lamaan kunneen kan bahan magaalaa guddittii Islaamaa kan Itiyoophiyaa Harar keessadha. Kanafuu seenaa guddina sheekolee kanneenii kan waggaa torbaatamaa itiyoophiyaa fi Sa’uudii Arabiyaa waliin haala wal qabateen ilaalun baay’ee barbaachisaadha jedhu Pirofeesarichi. Akkasumas haalli kun kan dhiibbaa geessissu biyyoota lameen qofa irratti osoo hin ta’in addunyaa guutuu akka ta’e qorannoon seenaa kun ni mul’isa.

Qopheessitoonni fuula intarneetii kanaa sababni isaan mata-duree “Islaamummaa seenaa Itiyoophiyaa” bananiif kanaafidha. Haalli kun namoota karaa alaa qofa ilaalaniif salphaa haa fakkatu malee gadi fagoo fi gadi fageenyaan irratti yaaddamuu kan qabu seenaa Itiyoophiyaa isa gara fuul duraa fi jireenya uummataa kan ilaallatuudha.

Seenadhaan akkuma beekkamutti Itiyoophiyaan Islaamummaa fi Kiristiyaanummaan sadarkaa biyyaa irratti yeroo jalqabaatif biyya itti wal qunnamaniidha. Walitti dhufeenyi Islaamummaa fi Kiristiyaanummaa qabxiilee baay’ee murteessoo akkuma ta’aa adeemaniin namoota baay’ee biratti “walitti bu’iinsota qaroomawwan addunyaa lamaa” (clash of civilisations) taasifamee akka fudhatamaa jiru kanaa miti jedhu Pirofeesarichi. Walitti dhufeenyi Sa’uudi fi Itiyoophiyaa bifa haarawa kan qabuu fi gara hubannoo sirriitti kan nu geessudha. Kana jechuunis yaad rimeen walitti bu’iinsa qaroomawwan bahaa fi dhihaa kan yeroon irra darbeedha yaada jedhu adeemsisu.

Kiristiyaanummaan Itiyoophiyaa kan dhufe jaarraa afraffaa Kiristiyaanummaa bahaa irraa yemmuu ta’u bara 334 hanga bara 1974tti amantaa mootummaa ta’ee jiraatee jira. Sa’uudii Arabiyaan kan hundeeffamte immoo jaarraa kudha saddeettaffaa keessa erga maatin bulchootaa ari’amanii booda barnoota Qur’aanaa baay’ee mata jabeessa ta’e irrattidha. Aadaalen  mootummoota lachanuu (Sa’uudii Arabiyaa fi Itiyoophiyaan) kan hundeeffaman seenaa baay’ee cimaa irrattidha. Kanaafis walitti dhufeenyi isaanii kan baraa kan itti fufe yaad-rimee Kiristiyaana fi Islaamaa kan mataa isaanii irratti akka ta’e seenichi ni ibsa.

Ibsi isaanii kan hundaa’e hambaalee amantaa murteessoo ta’anii fi haala siyaasaa addunyaa qabatamaa ta’e irratti akka ta’e Pirofeesarichi ni dubbatu. Akkuma gareewwan ilmaan namootaa kan biroo Musliimonnii fi Kiristiyaanonni galaana diimaadhaan gamanati argaman kan jiraatan yaadannoo seenaa, ilalcha fi fakkiiwwan tokko qabaachudhaani. Wantoonni kunneen hundi ilaalchonnii fi poolisiiwwan yemmuu qorataman kan hojii irra oolan ta’anii argamu.

Mata-dureewwan gara garaa irratti kan dhiheessinu barreeffamni Pirofeesarichaa bara 1930 hanga 2005 waggoota jiran keessatti walitti dhufeenyi Sa’uudi fi Itiyoophiyaa akkamitti akka ibsame nutti ni mul’isa. Haalli amma mul’atu kun akkamittii fi haala kamiin guddatee sadarkaa amma irra jiru kan irra akka gahe akkasumas dhugaawwan seenaa kanneenif sababni mormii maal akka ta’e nutti ni mul’isa.

Kitaabichi dagaagina seenaa kana gadi fageenyan ilaaludhaaf barreeffamoota baay’ee barbaachisoo ta’an, gaazexoota, dubbiiwwan, kitaabota barnootaa manneen barnootaa, ibsoota mootummaa fi kkf ni ilaala. Akkasumas falmiiwwan intarneetii isa haarawas ni daaw’ata. Wantoota kanneen hunda beektota seenaa bilisa ta’an irraa hubachuun haalonni akkamitti akka guddatanii fi akkamitti akka as gahan beekudhaaf qofa osoo hin ta’in biyya jaalattoota kan ta’an lammiilen biyyattii kana irratti hundaa’udhaan itiyoophiyaa ishee fuula duraatif maal gochuu akka qabu dhaabbatee akka yaadu isa ni gargaaru.

Pirofeesar Erlich kitaaba isaanii boqonnaa tokko irratti kan kaa’an qorannoon seenaa kanaa qabxiin inni dhumaa agarsiisu sochii aamntaa siyaasawaa kana keessatti wanti hin eeggamne kamuu  ta’uu akka danda’uu fi haalli kamuu jijjiirramuu ni danda’a kan jedhuudha.

Gara dhuma boqonnaa tokkoo irratti Pirofeesarichi akkas jedhu:- walitti bu’iinsi amma mul’achaa jiru kun namoota tokko tokkoof walitti bu’iinsa qaroomawaniit itti fakkaata. Haata’u malee walitti bu’iinsi amma jiru kun walitti bu’iinsa Kiristiyaana fi Islaamaa osoo hin ta’in walitti bu’iinsa Islaama fi Islaamati. Kanaafuu walitti bu’iinsi amma jiru kan addunyaa jeeqaa jiru kun walitti bu’iinsa Islaamummaa fi Kiristiyaanummaa giddu jiru osoo hin ta’in bu’aa mormii fi walitti bu’iinsa Islaamummaa keessatti ta’aa jiruudha. Qorannoon Itiyoophiyaa irratti taasifame kun kan deeggaru yaaduma kanadha.

Yaa dubbistoota kabajamoo; barreeffamni walitti fufee dhihaatu kun hubannoo seenaa muraasa ni kenna jennee waan amanneef beekaa seenaa bilisa ta’een kan barreeffame kitaaba Pirofeesar Erlich irraa kan qindeessineedha. Kan armaan olitti dubbistan kun seensa fi qabiyyee qorannichaati. Gara fuula duraatti seenawaan gara garaa bal’inaan waan dhiheessinuuf obsaan nu hordofaa. Wantoonni yeroo ammaa kana naannolee addunyaa gara garaa fi Itiyoophiyaa keessatti ta’aa jiran kunneen dhiibban isaan saba keenya, saba Oromoo irrtti qaban maal akka ta’ee mee xiinxalaa. Sochiin Islaamummaa yeroo ammaa kun haala cimaadhan kan xiyyeeffate uummata Oromoo irratti ta’uu isaa hubannoo keessa galchuudhan biyyoonni Islaamaa kan akka Sa’uudii Arabiyaa wantoota dhoksaa fi ifaan hojjechaa jiran kanneen akkamiti ittisuu akka dandeenyu fi saba keenya balaa mankaraarsummaa dhufaa jiru jalaa baraaruu akkamitti akka dandeenyu irratti mari’adhaa.

Waaqayyo jiraatan isin haa eebbisu!

Islaamummaadhaf Deebii, Afaan Oromoo Fuula Duraa